Caamsaa 3/2018.
Bulchiinsa Magaalaa Naqamteetti Duulli Talaallii dhibee saree maraachuu Kilinika Fayyaa Beeyladaatti kennamuu eegalee jira.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Magaalaa Naqamtee obbo Girmaa kadiir akka jedhanitti akka Magaalaa Naqamteetti mallattoon dhukkuba saree maraatuu akka hin uumamneef deggersa adda addaa Biiroo qonnaa Oromiyaa irraa argameen ittisa dhukkuba saree maraatuuf talaalli kun guyyaa gaafa 03/9/2018 irraa eegalee itti fufiinsaan gandoota Magaalicha hunda keessatti kan kennamuu ta’uu eeruun namootni saroota guddisanii qaban guyyoota Jedhame kana keessatti saroota isaanii bakka talaallii Kun keennamutti geessuun talaalchisuu qaban himaniiru.
Biiroo Qonna Oromiyaatti Ogeessi fayyaa Beeyladaa Dr. Geetaachoo Guutamaa yaada kennaniin, akka biyyoolessaatti Bara 2030tti dhibee saree maraachuu dhabamsiisuuf hojjetamaa kan jiru yoo tahu, akka biiroo qonna Oromiyaatti qindoomina Ministeera Qonnaa, dhaabbata FAO(food and agricaltural Organization of the United Nation) fi waajjia qonnaa bulchiinsa Magaalaa naqamtee waliin tahuun guyyaa har’aa duula talaallii dhibee saree maraachuu eegalchiisuu himanii, hawaasni dhukkubni saree maraatuu akka badu taasisuuf bakkoota talaalliin kun jirutti deemuun talaalchifachuu akka qaban dhaamanii jiru.
Waajjira Qonnaa Magaalaa Naqamteetti Qindeessaan kililnika beeyladaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee kan ta’an obbo Takiluu Moosisaa gama isaaniin, Waajjirri Qonnaa Magaalichaa sababa dhukkuba saree maraatuun miidhaan Uummata irra akka hin qaqqabneef xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jiraachuu himanii, guyyaa 03/9/2018 irraa eegalee gandoota Magaalichaa hunda keessatti talaalliin ittisa dhibee saree maraatuu fi Adurree keennamuu eegaluu ibsanii, dhukkubni kun miidhaa cimaa ummata irraan gahuu waan daanda’uuf namootni sareef adurree guddisanii qaban bakka talaalliin itti kennamu geessuun talaalchisuu akka qabaniifi erga talalchisanii boodas mooraa isaanii keessaa bakkeetti baasuu akka hin qabnee himuuun, sarootni daandii irratti lakkifaamanii jiran koreen qindoominaa sadarkaa Magaalaa jiraaniin fuula duratti kan dhabamsiifan ta’uu dhaamaniiru.
Hoji gaggeessaan Giddu gala Riijinaal laabiraatoorii Riferaalaa Qo’annoof Qorannoo Fayyaa Hawaasaa Naqamtee Obbo Dammaqee Jabeessaa gama isaaniin, dhibeewwan beellada irraa namatti daddarban qorachuun giddu galichi dhaabbilee addaa waliin tahuun hojjechaa jiraachu himanii, gara fuula duraattis qorannoof qo’annoon dhibee saree maraachuu kun cimee akka itti fufuufi hawaasnis dhibichaan akka hin qabamneef irratti kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Source: https://www.facebook.com/share/1cBsayZX7N




