Mariin qooda fudhattoota waliin taasifame

Giddu gala laabraatorii Riferaalaa fi Qo’annoof Qorannoo Fayyaa Hawaasa Naqamtee Hawaasa Fayya buleessa misooma keessatti qooda isaa fudhachuu danda’u qabachuuf Kenna tajaajila fayyaa Qorannoof Qo’annoon deeggarame, si’ataafi qaqqabamaa ta’e akka kennamuuf qooda fudhattota waliin qindominaan hojjechaa jira.

‎WKGWB Eebla 2018

‎Giddu gala laabraatorii Riferaalaa fi Qo’annoof Qorannoo Fayyaa Hawaasa Naqamtee sirna faanaa dhayinsa dhibee boquu Jallisaa laabiratoriin deeggarame Dhaabbilee Qooda fudhattoota lixa oromiyaatti argaman fi dhibeen kun sadarkaa inni irra jiru waraqaa qo’annoo dhiyaate irratti Magaalaa Naqamteetti mariyatame.

‎sagantaa Waltajjii kana irratti qooda fudhattonno BFO,Godinaalee fi Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Haawaa Biyyolessaa qo’attota fi qaamolee dhimmi kun ilaallatu Dr Getaachew Toleraa Dhaabbatta Inistitiyutii Fayyyaa Haawaa itiyoophiyaatti ittiaanaa ykn DDG Qo’annoo Fayyaa Haawaasaa durfamu argamanii jiru.

‎qooda fudhattoota sadarkaan jiranis rakkoo dhaabbilee fayyaa keessa jiran beekanii qooda fudhattoota waliin qindaa’uun dhimma Tajaajila fayyaa irratti qindoominaan hojjechuu akka qabaniif Hariiroo gaarii akka jiraatu Obbo Lammeessaa Teferraa Ittigaafatamaa Waajjira Fayyaa Godina Wallagga Bahaa himan.

‎Obbo Dammaqaa Jabessaa Hojii gagggessa Giddu gala laaboraatorii Riiferaalaf Qo’annoof Qorannoo Fayyaa Haawaasaa Naqamtee haasaa taasisaniin

‎Kaayyoon waltajji kana tokko Gamaggama kenninsa Tajaajila Laaboratorii akka lixa Oromiyaatti argamaniif kennuu fi Sagantaa Hubannoo uummuu dhimmaa dhibeewwan qoricha waliin walbaranii (Antimicrobial Resisstance ) ta’uu himuun,Dhibeen qoricha waliin walbare rakkoo addunyaan keessa galtee jirtu waan ta’ee haawasa keenyaaf hubannoo kennuu fi balaa dhufuu danda’uu maqsuun barbaachisaadha jedhan.

‎Akkasumas dhimmi ijoon ajandaa waltajjichas Sagantaa eegalchiisa faana dhahinsa dhibee boquu jallisaa ykn Mengitis irratti qooda fudhattota(Ogeessota laboratorii,Hojii gaggeessitoota hospitaala,Hog Godinaa,Hakimootaa fi 0geessota balaa Tasaa fayyaa Haawaa fi dhabbilee Nannnoo fi Inistiyutii fayyaa haawaasaa itiyophiyaa EPHi waliin qindoomuun sagantaan kun akka irratti hojjetamu irratti mari’achuun kallattiin Wal fakkaata qabachuuf ta’uu himan .

‎Dabalataniis dhiiyessiin qo’annoo fayyaa haawaasa irratti dhiyaatee jira.

‎Qorannoon Tajaajila laaboratorii Dhibee kana adda baasuuf ooluu ogessonni sirriitti itti fayydamuu akka qabanii fi tajaajilli kun walitti hidhaminsaan akka hojjetamu kallattiin kenname jira

‎-Dhibeewwan talaalliin ittifamuu dandahaniif( Vaccine Preventable Disease ) irratti hubannoon ogeessota dhimma kana irratti hojjetaniin kennamee jira

‎Walumaa gala Tajaajilli laaboraatorii qulqullina isaa eeggatee fi dhaqqabamaa ta’ee akka jiratu Sirni faana dhahinsa dhibee menengits irratti qorannoo laaboraatoriin deeggaramuu akka qabuu Qindoominni qaama hundaa murteessaa waan ta’eef cimee irratti hojjetamuu akka qabuu fi Rakkoowwan haawasaa akka lixa oromiyaatti jiran qorannoof qo’annoon deeggaramuun qooda fudhattoota waliin waliin qindoomuun irratti akka hojjetamuu kallattiin kennamee jiraachuu himan.

‎xumura irratti Giddu gala laabraatorii Riferaalaa fi Qo’annoof Qorannoo Fayyaa Hawaasa Naqamtee daawwatamuun Goolabameera.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top